World

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan. Published Oct. 22, 2025, 3:36 p.m. by FNN Staff Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.Godina Kibba Lixaa Shaggar Ona Tole ganda Tummee Yaayyaatti ergamtoonni PP namoota nagaa ukkaamsuun, kaan hidhaa, kaan achi buutee isaanii wallaalchisuu jiraattoonni FNNniif himanii jiru. Qaamni hidhate kan mootummaan PP bobbaase kunneen nama nagaa hojii isaa malee maqaa qabata WBO qabdu jedhuun mana hidhaattii guuraa jiraachuu itti dabaluun himan.Haaluma kanaan nama maqaan isaa Yaaddessaa Rattaa jedhamu maqaa "deggeraa WBO'ti, odeessa laattaaf jedhuun halkan mana isaatti iiti seenuun erga ukkaamsanii fuudhanii deemanii hanga yoonatti achi buuteen isaa wallaalamee jiraachuu jiraattonni Onichaa dubbatan.Godinichuma kana Ona Sadeen Sooddoo ganda Algaa Wasarbiitti loltoonni PP namoota maqaan isaanii; Zamadee Baqqalaa fi Tonkoluu Ayyaansaa jedhaman maqaa "WBO deggertuu fi nyaachistu, akkasumas odeessa laattaniifii nu ficcisiisaa jirtu" jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen FNNniif yaada kennan ifoomsanii jiru. Bifuma wal fakkaatuun godina Baha Shaggar Onoota garaa garaattii humnoonni mootummaa PP uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii itti fufaa jiraachuun barame. Gdina Baha Shaggar Ona Fantaallee gandoota akka; Gidaaraa fi Xuuxxis jedhaman keessatti humnoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni maddeeniif himan. Haaluma kanaan murni mootummaa PP waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun maqaa " deggertoota WBO'ti, ni nyaachistu" jedhuun nama maqaan isaa; Galatoo Boruu jedhamu sababa tokko malee bakka hojii isaa irraa qabuun ganda Gidaaraatti hidhanii dararaa jiraachuun barame. kana malees achuma Onuma sana ganda Xuuxxis jedhamutti miseensota humna addaa Oromiyaa kan ta'an namoonni lama dubartoota irratti wal lolanii dhukaasa wal irratti banuun tokko y du'u, wal dhibdee isaanii dhoksuuf jecha nama nagaa badii itti moggasuun hidhuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru. Similar posts: Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate. Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase. Dhalattoonni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontoo jiraatan Irreecha bara 2025 irreeffatan. Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Mana Hidhaa Jiran Dararamaa Jiraachuun Himame

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Published Oct. 22, 2025, 3:36 p.m. by FNN Staff

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.Godina Kibba Lixaa Shaggar Ona Tole ganda Tummee Yaayyaatti ergamtoonni PP namoota nagaa ukkaamsuun, kaan hidhaa, kaan achi buutee isaanii wallaalchisuu jiraattoonni FNNniif himanii jiru. Qaamni hidhate kan mootummaan PP bobbaase kunneen nama nagaa hojii isaa malee maqaa qabata WBO qabdu jedhuun mana hidhaattii guuraa jiraachuu itti dabaluun himan.Haaluma kanaan nama maqaan isaa Yaaddessaa Rattaa jedhamu maqaa "deggeraa WBO'ti, odeessa laattaaf jedhuun halkan mana isaatti iiti seenuun erga ukkaamsanii fuudhanii deemanii hanga yoonatti achi buuteen isaa wallaalamee jiraachuu jiraattonni Onichaa dubbatan.Godinichuma kana Ona Sadeen Sooddoo ganda Algaa Wasarbiitti loltoonni PP namoota maqaan isaanii; Zamadee Baqqalaa fi Tonkoluu Ayyaansaa jedhaman maqaa "WBO deggertuu fi nyaachistu, akkasumas odeessa laattaniifii nu ficcisiisaa jirtu" jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen FNNniif yaada kennan ifoomsanii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun godina Baha Shaggar Onoota garaa garaattii humnoonni mootummaa PP uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii itti fufaa jiraachuun barame.

Gdina Baha Shaggar Ona Fantaallee gandoota akka; Gidaaraa fi Xuuxxis jedhaman keessatti humnoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni maddeeniif himan. Haaluma kanaan murni mootummaa PP waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun maqaa " deggertoota WBO'ti, ni nyaachistu" jedhuun nama maqaan isaa; Galatoo Boruu jedhamu sababa tokko malee bakka hojii isaa irraa qabuun ganda Gidaaraatti hidhanii dararaa jiraachuun barame.

kana malees achuma Onuma sana ganda Xuuxxis jedhamutti miseensota humna addaa Oromiyaa kan ta'an namoonni lama dubartoota irratti wal lolanii dhukaasa wal irratti banuun tokko y du'u, wal dhibdee isaanii dhoksuuf jecha nama nagaa badii itti moggasuun hidhuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru.

Similar posts:

Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate.

Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase.

Dhalattoonni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontoo jiraatan Irreecha bara 2025 irreeffatan.

Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Mana Hidhaa Jiran Dararamaa Jiraachuun Himame

Related Articles