News from October 23, 2025

1379 articles found

Ebix launches ExposureHub in the U.S., Bringing Next-Generation Risk and Exposure Management to the Insurance Market
GoPro Max 2 360 Camera Review: It’s Finally Here
Technology

GoPro Max 2 360 Camera Review: It’s Finally Here

The good news for desktop users is that there's now a plug-in for DaVinci Resolve to go with the long existing Adobe Premier Plugin. The bad news is that you'll have to transcode your videos into a format DaVinci Resolve can read using the GoPro Player app. Fortunately there is an option to batch-process them. The ability to shoot 10-bit color footage I can then combine with other footage in DaVinci Resolve is worth the small pain of prepping the GoPro footage. Also, props to GoPro for supporting plugging the Max 2 directly into your phone to download clips. This is so much faster than downloading over a Wi-Fi connection. Love a good wire. Should You Buy? If you don't currently have a 360 camera and you want one, the GoPro Max 2 is the camera to get. It will be our top-pick 360 camera when I update that guide next. The excellent video quality, easily replaceable lenses, 10-bit color, and more realistic out-of-the-box color rendering give the Max 2 the edge over the competition. The only caution I have is the audio. You'll want to use an external mic if audio is important to you (but really, this is always true). The one other area that might make the X5 a better choice is in low light. I very rarely shoot with cameras like this in low light, and I find the low-light footage from Insta360’s and DJI’s cameras (all of them, not just the 360 cameras) unrealistic and smeary, but in some cases that might be better than what you get from the Max 2. Suffice to say that GoPro has optimized for the daylight shots. If you already own an Osmo 360, there's nothing here that's compelling enough to warrant moving to the GoPro. The same is true of the Insta360 X5. If you own the X4 … that's a tougher call. The Max 2 video quality is a huge step up, but so is the X5, so it really comes down to whether or not the 10-bit color and other benefits of the Max 2 are worth it to you.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.
World

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan. Published Oct. 22, 2025, 3:36 p.m. by FNN Staff Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.Godina Kibba Lixaa Shaggar Ona Tole ganda Tummee Yaayyaatti ergamtoonni PP namoota nagaa ukkaamsuun, kaan hidhaa, kaan achi buutee isaanii wallaalchisuu jiraattoonni FNNniif himanii jiru. Qaamni hidhate kan mootummaan PP bobbaase kunneen nama nagaa hojii isaa malee maqaa qabata WBO qabdu jedhuun mana hidhaattii guuraa jiraachuu itti dabaluun himan.Haaluma kanaan nama maqaan isaa Yaaddessaa Rattaa jedhamu maqaa "deggeraa WBO'ti, odeessa laattaaf jedhuun halkan mana isaatti iiti seenuun erga ukkaamsanii fuudhanii deemanii hanga yoonatti achi buuteen isaa wallaalamee jiraachuu jiraattonni Onichaa dubbatan.Godinichuma kana Ona Sadeen Sooddoo ganda Algaa Wasarbiitti loltoonni PP namoota maqaan isaanii; Zamadee Baqqalaa fi Tonkoluu Ayyaansaa jedhaman maqaa "WBO deggertuu fi nyaachistu, akkasumas odeessa laattaniifii nu ficcisiisaa jirtu" jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen FNNniif yaada kennan ifoomsanii jiru. Bifuma wal fakkaatuun godina Baha Shaggar Onoota garaa garaattii humnoonni mootummaa PP uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii itti fufaa jiraachuun barame. Gdina Baha Shaggar Ona Fantaallee gandoota akka; Gidaaraa fi Xuuxxis jedhaman keessatti humnoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni maddeeniif himan. Haaluma kanaan murni mootummaa PP waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun maqaa " deggertoota WBO'ti, ni nyaachistu" jedhuun nama maqaan isaa; Galatoo Boruu jedhamu sababa tokko malee bakka hojii isaa irraa qabuun ganda Gidaaraatti hidhanii dararaa jiraachuun barame. kana malees achuma Onuma sana ganda Xuuxxis jedhamutti miseensota humna addaa Oromiyaa kan ta'an namoonni lama dubartoota irratti wal lolanii dhukaasa wal irratti banuun tokko y du'u, wal dhibdee isaanii dhoksuuf jecha nama nagaa badii itti moggasuun hidhuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru. Similar posts: Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate. Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase. Dhalattoonni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontoo jiraatan Irreecha bara 2025 irreeffatan. Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Mana Hidhaa Jiran Dararamaa Jiraachuun Himame

Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.
World

Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.

Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.Hojjettoonni Siivilii fi waraanaa dhaabbata Aviyeeshinii Dajan ogummaa isaanitiin hojjetan loogii hamaan nurratti raawatamaa jiraa jedhan.Akka hojattoonni dhaabbatichaa maddeeniif yaada kennanitt osoo nuti ogummaa keenyaan dirqama ogummaa keenyaa ba'annee hojachaa jirruu nu hojiirraa nu ugguranii lammiilee biyyoota alaa qofaaf carraa hojii kennaa jiraachuu dubbatan. Dhaabbanni Aviyeeshinii Dajan (DAVI) hojii suphaa xiyyaara waraanaa gosoota garaa garaa namoota ogummaa adda addaa qabaniin hojii aviyeeshinii geggeessaa ture. Haa ta'u malee mootummaan PP naamusa hojii fi hojjetaa hin kabajne adeemsa seeraa tokko malee fi labsii tokko malee mirga hojjettoota dhaabbata Aviyeeshinii Dajan hojii isaanirraa ugguruun lammiilee biyya alaa qofaaf heyyamuun hojattoota kana hojiirraa dhaabuun rakkoof saaxilamaa jiraachuu hojattoonni maddeeniif himan.Dhaabbatichi dhufaatii sirna PP dura haala baratamaa dambii ba'een hojjechaa kan turee fi biyyoota kannen akka Afrikaa Kibbaa, Moozaambikii, akkasumas Yukreen waliin hojjettoonni dhaabbatichaa hariiroo gaarii kan qabaachaa turan ta'uu odeessi hojattootarraa arganne ni ifoomsa.Dhaabbatichi kanaan dura biyyoottaan olii kana waliin hariiroo gaarii hojii fi hojjetaa qabaachuun waliin hojjatanii galii bu'a qabeessa dhaabbatichaa fi miindaa madaalawaa ta'e argachaa kan turan ta'u, namoonni nageenyummaa isaaniif maqaan akka eeramu hin barbaanne maddeeniif himanii jiru.Dhaabbatichi tajaajila hojiilee suphiinsa xiyyaara gosa garaa garaa kan baallee sochootuu 'rotary wing' fi baallee dhaabbataa 'fixed wing' kanneen akka helikooptera lolaa "bomber' fi kan geejjiba waraanaa, L-39 'bomber', mi -8 fi mi -17, Antonov, mig -21, mig-23 diroonii fi SU-27 kan dhaabbata Humna Qilleensaa mootummaa PP keessatti kan argamu hojjettoonni ogummaa Injiinaringii Elektirikaalii fi Mekaanikaalii akkasumas electirooniksii fi kanneen biroo irratti kan hojjetaa turan yoo ta'u, haalli kun amma guutummaatti jijjiiramee carraan hojii lammiilee biyya alaa kanneen akka Chaayinaa, biyyoota Arabaa akka Beelaarus fi Turkii bakka isaanii buusuudn dhalattoonni biyya keessaa guutummaatti ari'amuu himan.

Itoophiyaan Indeeksii Hannaa addunyaatiin Biyyoota 112 Keessa sadarkaa 102ffaa irra jirti, ittisa yakka faayinaansii irratti saaxilamummaa gadi fagoo saaxilteetti
Technology

Itoophiyaan Indeeksii Hannaa addunyaatiin Biyyoota 112 Keessa sadarkaa 102ffaa irra jirti, ittisa yakka faayinaansii irratti saaxilamummaa gadi fagoo saaxilteetti

Itoophiyaan Indeeksii Hannaa addunyaatiin Biyyoota 112 Keessa sadarkaa 102ffaa irra jirti, ittisa yakka faayinaansii irratti saaxilamummaa gadi fagoo saaxilteetti Published Oct. 22, 2025, 4:08 p.m. by FNN Staff Itiyoophiyaan biyyoota hanna irraa eegumsi xiqqaa ta’e keessaa tokko ta’ee haftee jirti, indeeksii hanna addunyaa bara 2025 irratti biyyoota 112 keessaa sadarkaa 102ffaa irra jirti. Indeeksii Hanna Addunyaa bara 2025, kan dhaabbata eenyummaa mirkaneessuu Sumsub CryptoUK, Waldaa Qabeenya Dijitaalaa, Vixio Regulatory Intelligence, fi Waldaa Fintech MENA waliin ta’uun maxxanfame, biyyoota bu’uuraalee imaammata farra hannaa, bu’uuraalee misoomaa, babal’ina hannaa, dhaqqabummaa qabeenya, fi dandeettii dinagdee irratti hundaa’uun madaaleera. Indeeksiin Kibxata darbe ba’e kun Ityoophiyaan ittisa yakka dijitaalaa fi faayinaansii irratti dadhabina sirnaa mudachuu itti fuftee akka jirtu ibsa. Bara 2024tti biyyattiin biyyoota 103 keessaa sadarkaa 99ffaa irratti kan argamte yoo ta’u, kunis qormaata hannaa fi yakka maallaqaa ittisuu keessatti mul’atu cimseera. Guutummaa Baha Afrikaatti biyyoonni akka addunyaatti hanna maallaqaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’uun isaanii argameera. Madaallii biyyoota 112 gaggeeffameen #Taanzaaniyaa, #Ugaandaa, #Rwaandaa, fi Itiyoophiyaan hundi isaanii sadarkaa gadiitti dhihoo jiru. Naannichatti sadarkaa gadi aanaa kan qabdu Taanzaaniyaa yoo taatu, sadarkaa 108ffaa, Yugaandaa (107ffaa), Ruwaandaa (105ffaa), fi Itiyoophiyaan (102ffaa) itti aantee jirti. Indeeksii kun raawwii hojii utubaawwan afur jalatti madaala — sochii hannaa, dhaqqabummaa qabeenya, gidduu seenummaa mootummaa, fi fayyaa dinagdee — tokkoon tokkoon isaanii gama adda addaatiin saaxilamummaa biyyaalessaa calaqqisiisu. Itiyoophiyaan sochii hannaatiin qabxii 1.38 galmeessisuun giddu galeessa addunyaa 2.07 gadi yoo ta’u, taateewwan gabaafaman xiqqaa ta’us dandamachuu dhaabbilee laafaa ta’uu agarsiisa. Qabxiin dhaqqabummaa qabeenya isaa 1.92 yoo ta’u, kunis giddu galeessa addunyaa irraa ol kan ta’e yoo ta’u, teeknooloojiiwwan farra hannaa fi tajaajila dijitaalaa argachuun daangeffamee tattaaffii ittisaa gufachiisuu itti fufee jiraachuu agarsiisa. Akka Sumsub jedhutti qabxiin indeeksii hannaa waliigalaa Itiyoophiyaan 4.4 giddu galeessa addunyaa 2.79 irraa baay’ee ol kan dhaabbate yoo ta’u, kunis dandeettiin dhaabbilee hojiiwwan sobaa ittisuu ykn deebii kennuu danda’an daangeffame agarsiisa. Fayyaa diinagdee irratti Itoophiyaan qabxii 0.45 galmeessisuun giddu galeessa addunyaa 0.46 waliin wal qixa jechuun ni danda’ama, kunis dadhabbiin dinagdee maakroo itti fufee osoo jiruu, eegumsa hannaa biyyattii keessatti laafaa akka hin taane agarsiisa. Similar posts: Shawaa Lixaa onaa Noonnootti hidhattoonni Faannoo namoota nagaa hedduu ajjeesuu jiraattonni dubbatan. Haleellaa ona Noonnootti Halkan Edaa raawwatameen namoonni nagaa 22 ajjeefamuun barame. Oduulee keenya har’aatiin, Itoophiyaan liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuu, humnoonni hidhatan naannoo Amaaraa bakkoota hedduu too’achuu, mootummaan naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cabsuun Aanaalee hedduu too’achuuf karoorfachuu, miseensonni humnoot Humnoonni Faannoo Naannoo Amaaraatti bakkoota hedduu “to’achuun” gabaafame